Bittaa fi gurgurtaa lagachuun diina cabsuuf nu dandeessisaa Saphaloo Kadiir irraa…

Saphaloo Kadiir irraa… waa’ee lagannaa bittaaf gurgurtaa kana irratti barruu qeerroo fii qaroo sabaa dubbisaa…
BITIIF GURGURII LAGACHUUN HUMNA DIINA CABSUU NU DANDEESSISA.

(Barruu duula lagannaa bitiif gurgurii irratti qophaa’e)
Dhimmi bitiif gurgurii lagachuu kun sadarkaafi dhawaataa danuu qaba. Tooftaan lagannaa bitiif gurgurii adeemsifamu bifa saayinsaawaan lagannaa sadarkaa duraafi lameessoo (primary & secondary boycott) jedhamuun bakka lamatti qoodama. Kan amma irraa dubbannu kun lagannaa bitiif gurgurii oomishtootaa fi daldaltoota sadarkaa jalqabaa (primary Boycott) irratti xiyyeeffata. Kan sadarkaa lammeessoo bulfannee arraaf lagannaa gabaa sadarkaa jalqabaa gaggeessuun kun faaydaa argamsiisuu danda’u keessaa muraasni:-
1) Siyaas-diinagdee wayyaanee laamsheesa:

Sababni guddaan oromoon oomishuu malee irraa gammaddee hin beekneef tarsiimoo misoomaaf mootummaan wayyaanee baase kanaatu akka oromoon barayyu diinagdeen gad caphuu malee taakkuu takka ol hin siqnetti wixineeffamee jira. Wayyaaneen yaad rimee dinagidee “zero sum game economic theory” karoorse waggoota 25 keessatti dhawaatan hojiirra olaa dhufee waytii amma humna dinagidee saba Tigree cimisee jira.

Yaadni kun oromoo, sabaafi ummataa biraa dhaawaatan hiyyoomsee sanyii Tigree duroomisuuf kan kaayyeefate tahuu isaa fakkeenyi ijoon, warshaalee gurguddoon Tigraay keessatti hundeefamanii jiraachuu dha. Daandiin baaburaa Maqalee – Kombolchaan naanna’ee gara Jibuutiitti fullaa’uus kanaaf ragaadha.
Oromoon lafasaarra ari’amee hiyyummaa hamaa keessa seenee waardiyaa ta’ee biyya abbaa isaa keessatti akka saree mooraa alagaa eegaa jira. Yeroo ammaa ilmaan Oromoo mirga isaa gaafannaan, amma booda lafa tiyya irraa hin buqqa’u jedhee dinnaan wayyaaneen qawwee diinagdee keenyaan horattetti fayyadamuun yakka duguuggaa sanyii nurratti raawwachaa jirti. Kanaaf duula lagannaa bitiif gurgurii guutuu Oromiyaa keessatti torbaan tokkoof walitti aansinee gabaa lagachuun diinagdee wayyaaneen murruq nuun godhaa jirtuufi humna ittiin ummata cunqursu kana laamshessuun ol’aantummaa diinagdee ummanni Tigree nurratti qabaachuuf wixifatan kana hidha kutuuf nu fayyada. Kun faaydaa guddaafi ijoodha.
2) Qabeenya Keenya Irratti nu Abboomsa:

Mootummaan wayyaanee tooftaa addaa baafatee Oromoo malaan quncisaa jiru keessaa beekkamaan maqaa diinagdee gabaa bilisaa ijaaruu jedhu qabatee “Eenyulleen Oomisha isaa bakka barbaaddetti, gatii barbaadeen gurgurachuu mirga qaba” jedhee kijiba. Hanga arraa garuu wanti qabatamaan arginu faallaa dha. Qotee bulaan Oromoo oomishuma humna isaatiin bututee lafa isaarraa oomishatu magaalaa isatti aantu geessee gurgurachuu hin danda’u. Sababniis, ashuuraaf qaraxa humna isaaniin wal hin gitne dirqamaan kafalchiisuun akka inni gabatti waa gurgurachuu jibbu godhee, akka isaan hin kaanetti gombisaa jira. Oromoon dur irraa hanga arraa oomishuu malee irraa fayyadamee hin beeku. Oromoon harree damma itti fe’an tahee yeroo mara hiyyummaa keessatti maraammartoo akka dhawatu kan godhe tooftaa wayyaanee daran nutiis tarkaanfii barbaachisu fudhachuu dhabuu keenya. Gatii gurgurtaa oomisha biyya keenya keessatti kan gurguratu osoo hin tahin warra bitu qofaatu murteessuuf aangoo qaba. Silaa gurguratuutu gatii oomisha isaa murteeffachuu qaba malee warri bitu akkuma barbaadutti murteessuu hin qaban ture.
Fakkeenyaaf; Oomisha kuduraaf muduraa, jimaafi kkf biyyoota ollaa akka soomaaliyaafi Jibuutiif kan dhiheessu adda durummaan qotee bulaa Harargeeti. Soomaaleen magaalaa Awwadaay, Kombolchaa, Haroomaayaafi Dirre Dhawaa keessa dhuftee jimaa, kuduraafi muduraa qotee bulaa keenya irraa bitu daldaltoota keenya muraasa waliiniis wal tahuun gatii oomisha isaanii gad cabsee akka fedhetti irraa bita. Kana akka hin murteeffanne wanti nu godhe immoo nuti qabeenya keenya irratti abboomuu dadhabuu keenya. Qotee bulaan Oromoo gatii oomisha isaa hanga barbaadetti akka shalagatee gurguratuuf carraa bal’aa uumaaf, oomisha keenya irratti abbaa aangoo tahuun murteessummaa nama tokkootiin alatti ofiif taligachuu kan dandeesisu, humnaafi dandeetti murree murteeffachuu akka horannuufi barannuuf kan nu tinnisu oomisha keenya guyyoota muraasaaf gurguruu diduudha. Uggurri bitiif gurgurii kun qabeenya keenya irratti tooftaa salphaan akka abbaa taanu karaa nuuf banuufi qotee bulaan keenyaas oomishaisaa itti laffa’ee, itti luqqa’ee oomishu gatii barbaadetti gurgurachuu akka danda’u taasisa.
3) Gatii oomishoota madaalawaan akka jiraatu taasisa:

Akkuma agarruufi dhageenyu ummanni biyya Itoophiyaa jedhamtu tana keessa jiraatu harki caalaan duugda Oromiyaa irratti harka Oromootiin jiraata. Tahuus garuu Oromoon oomishee gatii salphaafi baayyee xiqqaa taheen callaa isaa gurgurachuuf dirqamaa ture. Sangaa gabbisuu malee takkaa irraa gammadeefi irraa gabbatee hin beeku Oromoon. Osoo bifa ogummaawaan shalagamee qotiyyoo tokko gabbisuuf baasiin itti baafamuufi gatiin inni itti gurguramu wal hin caalu. Yeroo ammaa Oromiyaa keessatti qotee bulaa bututee oomishatu irra warra dallaala tahee baasiifi darara tokko malee oomisha qonnaan bulaa kana gurguruutu arra dachaa meeqaan duroomaa jira. Warri kana godhan immoo warra Oromiyaa alaa dhufan kan lafa hin qabneedha. Dallaalli tokko qabeenya oomishataa tokko warra bitu waliin wal dubbatee yoo gurguru waan herreegatu qaba. Hojii bittuufi gurgurtuu wal qunnamsiisuu qofaan yeroo gabaabaa booda qabeenya horatee lafuma qotee bulaa keenya irraa bituun ykn kireessuun akka inni lafuma isaa irratti hojii humnaa (kuulii) hojjatee, waardiyaa tahee jiraataniif dirqisiisaa jira.
Gama tokkoon qotee bulaan sangaa tokko waggaa guutuu gabbisee gabaa baasee yoo gurgure daara ijoollee lamaatti guyyuma san magaalatti fixee gala. Sababniis oomishni warshaa irraa bahuufi kan qotee bulaan keenya oomishatu gatiin isaa dachiif samiidha. Kun tahuun wanti lafaa bahuufi warshaa irraa bahu gatiin isaa wal qixaataa tahuu qaba jechuu osoo hin taane gatii walitti siqaa tahuutu irra jira jechuu kooti. Walitti maluu dhabuu gatiilee Oomishaa kanaatu osoo abbaan lafaa mana citaa hin jijjiirranne kan midhaan daldalu gamoo wal irratti ijaaruu jalqaba. Osoo abbaan itti luqqa’ee sangaa gabbise gurguru kophee hin bitanne warri gogaa daldaluufi qotiyyoo isaa bitee qalee foon gurguru konkolaataa akka hoolaatti tarree galchee mooraa keessa dhaaba. Sirna dhabiinsaafi wal madaaluu dhabuu gatii oomishootaa irraa kan uumee dha. Kanaaf ummanni keenya guyyoota jedhame kana waan tokko gabaa baasuu dhiisuun san booda gatii barbaadetti murteeffatee oomisha isaa gurgurachuu isa dandeessisa.
4) Gateetiin Diinagdee biyyattii baadhatee jiru Oromiyaa ta’uu mirkaneessa.

Oromoon seenaa biyyattii keessatti abbaa dachii badhaatuufi bal’oo tahee osoo jiruu bara baraan, sirna dhufaa dabraa keessatti guyyaa tokko qabeenyaafi oomishaa isaa irraa gammadee hin beeku. Eega gaafa Minilik afaan qawweetiin gabroome sabni Oromoo qotee oomishuun alagaa sooraa,, loon gabbisu ambaatu qalata, waan qabu biraa hoonga’ee, beela’ee kabajaas dhabee jiraachaa jira. Namni qabeenya isaa irratti muree murteeffachuu hin dandeenye hiyyeessa, hiyyeessi immoo hin kabajamu. Yeroo mara wanti harmeen teenya haadha qoraanii, abbaan keenya abbaa re’ee, abbaa hoolaa jedhamee yaamamuuf, osoo nama ta’ee jiruu wanti namummaa dhabee jiraatuuf waan qabeenya isaa kan bututee oomishatu irraa milkaa’uu dadhabeefi. Oromiyaan gateetii diinagdee Itoophiyaa taatee osoo jirtuu Oromoon immoo gad aantummaafi gadadoon biyya isaa keessa jiraataa jira. Kuniis haala lamaan mirkaneessuu dandeenya. Tokko oomisha ofiif oomishatu irraa mlkaa’uu dadhabuu isaa yoo kaan immoo galiin mootummaa harki caalu Oromiyaa tahee osoo jiruu baajanni mootummaan Oromiyaaf ramadu immoo kan naannoolee biraa waliin reeshiyoon yoo laalamu gar malee xiqqaadha, kan nama qaanfachiisu. Diinagdee biyyattii baadhatee kan deemu Oromiyaa tahee osoo jiruu kabaaf kabajaa dhabuun nu fixaa jiraachuun wayyaanee kun nuuf mirkaneessa. Kanaaf, Oromoon yoo guyyuma tokko oomisha isaa gabaa baasu kana waliif galee kan lagatu tahee gateetiin diinagdee biyyattii Oromoo tahuun hubatamee kabajaan isaan malu laatamaaf. Oromoon dafqa xuruurfatee beela’aa oomishee akka ummanni biyyattii quufanii bulu taasisaa jiraachuu mirkaneessuun kabajaafi ulfina isaan maluus argata.
5) Adeemsa daldala Tigree gufachiisa.:

Sadarkaa biyyaatti keessatti daldaltoonni jiran kan saba biraati. Ilmaan Oromoo immoo daldala yaraafi sadarkaa gadii qofarratti malee daldala ol’aanaa irratti hirmaachaa hin jiran. Dhuguma dubbachuuf oromoon ammallee karameellaa ijoollee qofa gurguraa jira. Kolkolee gati dhabeessa magaalaa xixiqqoo qofa keessatti hirmaachaa jira. Magaalaa gurguddoo keessatti daldala gurguddaafi murteessaa irratti hirmaachuuf Oromoon hayyaama hin argatu. Kanaaf ragaan guddaan abboottii qabeenyaa Finfinnee keessa jiraniifi warri oomisha biyya keessaa alatti erguufi biyya gamaatii fichisiisuu (inporter and exporter) keessa meeqa Oromoo akka tahan eenyulleen tilmaamuu danda’a. Irra baayyeen saba biraa tahanillee immoo hangafoonni saba Tigreeti. Saniifuu immoo aanga’ootaafi qabsaa’oota warra Tigraay akka tahe beekkamaadha. Oomisha biyya keessaa albuda irraa hanga barbareefi biddeenaatti, kan biyya gamaati seensisan immoo motoora gurguddaa irraa lilmeetti kan galchu isaani.
Gama biraatiin abboottiin qabeenyaa saba biraa tahan oomishoota biyya alaatii seera qabeessaan gara biyya keessaa galchan akka hin milkooyneef ilmaan Tigree guutuun daldala ‘kotorobaandii’ irratti hirmaatanii hojjachaa jiran. Ilmaan Oromoo daldala kotorobaandii hojjatan immoo qabeenya saamamanii harka duwwaa galu. Saba biraa kan tahan kanneen gama seera qabeessaan meeshaa alaa fidu irra baayyeen kasaaree harka dhadhawatee hojii daldalaa keessaa baafamanii jiran. Gama kaaniin immoo oomisha qonnaan bulaa irraa gatii salphaan argachuuf daldaltoota xixiqqaa maqaa maammilummaatiin hanga baadiyyaatti caaseeffamaan diriirfatanii oomisha qonnaan bulaa keenyaa saamsisuun gara alaatti warri ergu Tigreedha. Warri ummata keenya cunqursee gatii xiqqaan oomisha qonnaan bulaa irraa bitu immoo namuma keenya kan osoo dilas hin fayyadamne ummataaf aantummaa hin qabnee dha. Kanaaf daldaltoota faaydaa Tigreef ummata keenya sancaraa jiru addaan baafachuuf, warra dantaa garaatiif sabaaf dantaa hin qabneefi aantummaa dhugaa ummataaf qaban tooftaa gabaa lagachuu kanaan addaa calalachuufi gulaaluun ni danda’ama. San booda warra diina cinaa dhaabbatan irratti tarkaanfii fudhachuuf nu fayyada.
6) Shalaggii Kafaltii Humnaa Olii Sirreessa.

Mootummaan wayyaanee yeroo ammaa shalaggii adda addaa kan akka gibiraa, kiraa lafa baadiyyaa, qaraxa, ashuura, gatii calla guddiftuu kkf humnaa ol qotee bulaafi daldalaa keenyarratti fe’ee humna ummataa butuchaa jira. Qotee bulaan lafa muraasa qabu xaa’oo birrii 2000 oliin, sanyii filatamtuu birri 1500’n bitee, lafa hektaara 1 hin geenye irra gibira birrii 500-1000tti, kafaltii biroo tan maqaan isii hin beekkamne danuu dirqisiisee kafalchiisaa jira. Gama biraatiin daldaltoota shaqaxa meeshaan firiin lama keessaa mul’attu gibira guddaa humnaa olii irratti shalagee funyaan qabee irraa funaanaa jira. Uggurri bitiif gurgurii kun immoo wayyaaneen tolaan osoo hin tahin dirqiin shalaggii fi gatiilee wantoota inni daldaluu akka xiqqeessu godha.
7) Qabsoof Humna dabalataa tahuufi faaydaalee biroo.

Qabsoon warraaqsa ummata bal’aan gaggeeffamtu adeemsaafi akkaataa mataa isii danda’e qabdi. Injifannoo barbaachisu galmeessuuf tooftaa qabsoo jijjiiraa deemuun dirqama taha. Kanaaf oomishoota keenya kan humna teenyaan oomishnu gabaa baasuu dhiisuu dabalatee wantoota biroos gabaa irraa bituu dhabuu akkasumaas tajaajiloota biyyatti kan galiin isaa kallattiin mootummaa wayyaaneef galu kan akka lootarii biyyooleessaa, teelee Itoophiyaa, Baankii Daldala Itoophiyaa kkf irraa lagachuun humna wayyaanee dha’uuf nu gargaara.
Qabsoon duula gabaa lagachuu kun miidhaa kallattii mootummaan nurra gahu kan akka ajjeechaaf madeessuu baayyee gad xiqqeessuun bu’aa keenya immoo dachaan dabala. Namuu mana isaatti oomisha isaa waliin hafee magaaleeffachuu dhiisuu waan taheef walitti bu’iinsa hin qabu. Waan ofii hin gurguradhu jechuuf namni namatti dubbatu immoo yoo jiraate san maraataa callaadha.
Gama biraatiin gamtummaa, wal jala deemsaafi humna Oromoon qabdu mul’isuuf tooftaa salphaadha. Oromoon keessattuu wayta ammaa kana aariifi xiiqiin bokokee waan jiruuf waan jedhe irraa hanga galmaan gahuu akka hin deebine hojiin itti mul’isuu dandeenya. Oromoon yoo wal ta’eefi waliif gale waan mara akka godhuun isaaf salphaa ta’e alagaan dhugoomfachuu akka danda’utti mirkaneessaaf. Kana malees faaydaan biraa kan akka hawaas-diinagdee biyyatti micciiruun ummanni biraa akka mootummaa gaafiin sardu godhuun tumsa qabsoo teenyaaf dabala. Kanaafi tartiibbawwan armaan olitti tarreeffaman dabalatee faaydaalee biraa danuus ni qaba. Kanaaf gabaa lagachuun, bitiif gurgurii qabeenya keenyaa diduun duula rasaasa malee walakkaa injifannoo tahe kana irratti Oromiyaa guutuun duuluu qabna.
“Oromoon waan isaa gurgurachuu dhabu mirga qaba. Bara baraan ofiif luqqa’ee diina hin gabbaru!”
Saphaloo Kadiir / Abdulbasit

Fuulbana, 2016

Lagni Lafaaf malee lafeef daangaa miti!!!

LAGNI LAFAAF MALEE LAFEEF DAANGAA MITII.! 

————————-

Nagaan dubbii eegallaa 

balleessuuf aaraaf jibbaa 

Lammiin koo keessa beektan 

seenaa woggoota dhibbaa 

harka fuunee ashamaa 

worra afrikaa kibbaa.! 
Yoo bubbeen woliin maku 

ajaan qilleensi fuudhu 

urgaa duukaa bubbisaa ,

Dubbachuus dhiisee turee 

dirqamnaan afaan bahe 

guyyaan duudaa dubbisaa,, 
Akka irreen hin kaane 

oromoon woliif nahee 

Akka isaaf mijjaahuuf 

worraan gargarii bahee 

Akkasiin barbadeessuuf 

alagaan mala dhahee 

Dubbiin jajjabaatteertii 

hin caldhisnu nu gahee.! 
Gufuun miila rukutee 

ija boohichaaf geessaa 

Worri diinni duguugu 

fottoqsee saba keessaa 

Mee eenyu haa ilaalluu 

galmee seenaa kaleessaa? 
Inni diinni murteesseef 

diinummaa bifa addaa 

Worra dhiigaan simatu 

guyyaa oromoof gaddaa ,
Worra qalama dhiigaa 

saba tiksuuf qopheesse 

Worra oromoof jecha 

diinni lafee bobeesse .
Worra diinni dadhabee 

jiraa biyyeetti galche 

worra boollaayyuu lolee 

gurra diinaa alanche. 
Worra hojjachuu malee 

bahee uf faarsee hin beekne 

Worra tumsa sabaatiif

booda uf aansuu hin beekne. 
Worra yoo lammiin iyye 

rakkoo maatii hin himannee

Worra dafqa sabaatiin 

karabaatii hin bitanne, 
Sabboontota haqaati 

worra hin fafakkeessinee

Cal ta’ee dhuma malee 

worra diina hin dheessinee 

kanaaf siidaa eenyummaa

calanqootti geessine. 
Diinnilleen wol gaafatee

yoom oromoon na dheessaa 

Galmee keenya dubbise 

seenaa hardhaaf kaleessaa ,

Dabareen fixa jedhee 

lafa gootaaf gameessaa 

worra bahaa cokate 

oromoo cufa keessaa. 
Worri sabaaf uf keennee 

dhiiga obaase biyyee 

Roorroon ibiddaa marsee 

lammii baldhaatti iyyee 

Maal jetturee oromoo 

kunoo xiyya diinaattu 

worra akkasiitti xiyyee? 
Sabni tokkummaa qabu 

shira kamuu miliqaa 

Jalaa hin siqnu 

Alagaan namuma faana siqaa 

hin dagatin oromoo 

harki marroo woldhiqaa .
Dhala oromoo taanee 

osoo firaaf rifannuu 

Yoo lubbuu gumaachuuf

bira hin jirruu himannuu, 

Ammumarraa eegallee 

duubas hin harkifannuu 

Yaadaaf diinagdee qabnuun 

iyyata haa simannuu 

waan qabnu hargufanna 

homaas hin hanbifannuu. 
Oromoo biyyaa silaa

deebisaa irraa hin dhabuu 

Shakii malee awwaata 

lammiin wolmalee hin qabuu

Geerraree woliif lola 

diina jalaas hin dabuu ,

Dhiigni keenna haa jigu 

lafeen keenna haa cabuu 

Akka naannawaatittuu 

galata nurraa qabuu 

Oromoon bahaa qofti 

kophaa diinaaf hin cabuu 

Dhagahii dhaggeessisi

ergaan si haa dhaqqabuu

Akka jedhan hin shakkin

isaan tokkummaa qabuu. 
Murni diiggaa fedhu 

galaana ce’anii

Kutaadhaan nu yaamnaan 

diigamne se’anii 

oromoota bahaa

duguuguuf ce’anii 

heddummaatteef dubbii 

fardaan hin fe’anii? 
Diina haa garsiifnuu 

humna keenna gitii 

Iddoo jirtuun ka’ii 

lubbuu sabaa biti 

LAGNI LAFAAF MALEE 

LAFEEF DAANGAA MITII.

==============

Waloon Kamaal Aloo Gr

Seenaa Gabaabaa koloneel H/Aadam Jiloo

SEENAA GABAABAA KOLONEL HAAJ ADAAM JILOO.
Korneel Adam Jilloo Weebo. Abbaa isaanii Jilloo Weeboo Turree fi Haadha isaani Tukkee Roobile Bulbul irraa bara 1917-ti anaa Maddaa waalaabu Godina Baalee Biyyaa Oromiyaati dhalate. Gadaa ijoolluummaa isaatis qananii fi kunuunsa haadha fi Abbaa argachaa naannoo dhaloota isaa Maddaa walaabuuti guddaate. Adam Jilloo haadha warraa adda addaa irraa ijoollee argataniif ijoollee ilmaan isaanii akkasumaas ilmaan ilmaan isaan ( ijoollee akaakayyooni dhalte ) kan isaan abaabayyuu ta’aniif dabalatee maatii 209 horan.

Bara xaaliyaan Biyyaa teennaa weerarte (1935tti) Adam Jilloo dardaara ganna kudha saddetittii ture dardaara cimaa hamtuu fi toltuu xiinxalee adda baafatu dandayyuu waan taheef garaagarummaa bulchiinsa kolonii warraa adiitii fi kolonii warraa gurraacha habashaa jidduu jirtu haalan hubaatan.  
Korneel Habashaa gadhee fi duubati hafaa qarooma kan diigee dukkaana nama dhaalchisu akka tahee qajeellooti hubate akkasumaas akka isaan ummaata oromoo lafa isaani irraa dhabamsiisan Abbaa biyyaa oromoo tahuu fedhanif fi qabenyaa oromoo hundaa Abbaa ittii tahaani ilmaan oromoo lafaa isaani irraati gabroofattuu barbaadan hubaatan. 
Mootummaan H/ Sillaase gargaarsa Ingiliiziin bakkatti gaafa deebiteerraa eegalee wayyiini bara shanan bulchiinsa Xaliyaani keeysa argame ni hafe cunqursaa fi roorroon ummata oromoora gayuun daranuu hammaacha dhufte. Booddee Oromoo lafarraa buqqiisani Amaara irraa qubsiisuu fi dhaalchisuuf saganteeffatanii hojiirra oolchuu eegalan. 
Oromoo lafa ofii irrati hafaan gabroofattuu mirgaa abba biyyuuma dhowwaachu eegalan.

Haali Kuni dhaloota qabsoo Bilisuuma ummaata Oromoo tan Baaleetif sababaa tahee bara 1963 keeysa ummaanii Baalee qabsoo qaanqe bilisuuma murteefatanii Lolaa mootummaa Gabroofata H/ sillaaseti qabsoo eegalan Mohamed Gadaa Qalluura baruun. 
Bara 1963 ummaanii oromoo kan nannoo Maddaa walabuu fi nageelee Boraana jiran koraa godhaatani, qabsoo mootummaa Habashaarrati adeemsisuuf, mirga Abbaa biyyummaa falmaachuuf murteffaatan yeroo duraatif ummaani oromoo qabsoo hidhaano warraanatif Jarmaayyaa siyaasa jalqabaan. 
Walgahii kanarraati Janeraal Waaqoo Guutuu Dura ta’aa tahuun, Korneel Adam Jilloo ittii anaa waraanaa fi Jarmaayyaa tahuun filamaan.

Sana booda, soomaale dhaqaani meesha waraanaa gargaarsa gaafachuf ykn. kadhaatuf namoota (4 afur) namooni 4 afran Janaral Waaqoo Guutuu, Hussein Harcuuma, Kadir Waaqoo, Abdullahi Usman Guutuu. gara biyyaa somaaleti ergaatan Janaraal Waaqoo Guutu wajjiin. 
Hidhaano waraanaa argaatanii gara baaleeti debbi’anii qabsoo qaanqe bilisuuma ykn diddaa gabrummaa mootummaa irrati jalqabun mootummaa gabroofata Habashaarrati Lolaa banan. Qawween Adaam Jilloofaan gaafas Somaliyaarraa argaatan (Dhombir jedhamti) lollii hidhaannoo bara sun baaleeti jalqabaame Lolaa gaafa dhombiir jechuudhaan arraalee seenaan yaadatama yaroo maraa himaama jira akka kanan bara 1963 irraa jalqabee hanga bara 1970ttii Korneel Adam Jilloo ittii anaa Ajajaa waraanaa ta’anii qabsoo qaanqe Bilisuuma hidhaannoo Oromoo hoggaana turan. 

Ibsa ejjannoo aktivistoota Oromoo.

Ibsa Ejjannoo Woltajjii Aktivistoota Oromoo irraa Kenname==========================================

Hageyya 9, 2017
Nuti Aktivistoonni (Rogeeyyiin) Oromoo haala yeroo ammaa Oromiyaan keessa jirtu erga mari’annee fi xiinxalleen duuba ibsa armaan gadii kana baafnee jirra.
Seensa

———

Sabni Oromoo nagaa, bilisummaa fi badhaadhinna barbaada. Haa ta’u malee sabni kun erga sirna abbaa irree jalatti kufee jalqabee jiruu fi jireenyi isaa hubameera, nagaan isaa boora’eera. Akkuma saba cunqursaa jala jiru kamiyyuu nagaa hin qabu. Uummatni keenya sirni gabroomfataa abbaa irree EPRDF/TPLFn gaggeeffamuun ajjeefamaa saamamaa jiraachuu ifaa dha. Yeroo ammaa, uummanni keenyaa qee’ee isaa irraa humnaan buqqifamee biyya ofii dhabaa jira. Hoggantoonni Oromoo mana hidhaatti dararamaa jiru. Barattootni Oromooi eebbifaman hojii dhabuudaan miidhaa hamaaf saaxilamaniiru. Akkuma Oromoon hiyyoome, aangawoonni TPLF taayitaa fi qabeenya Oroomoo saamanii duroomaniiru. Oromoon lafaa fi biyya isaa irratti tuffatamee jireenya gadadoo jiraachuuf dirqame. 
Ijoo Dubbii

————

Dhiibbaa fi dhiittaan mirgaa saba keenyaa yeroo kamuu caalaa hammaachaa dhufeera. Jijjiirama itti aanu keessatti uummanni keenyaa gulantaa malu argachuuf, mormiin amma gaggeeffamu kun haalaan qindaa’uu barbaachisaa dha. Uummanni keenya nagaa dhabee, haqa dhabee, seeran ala ajjeeffamee, gar-male hidhamee osoo dararamuu bilisummaa isaaf mormii gaggeessuu qofa osoo hintaane, falmaa sadarkaa itti aanuuf of qopheessuu qaba. 
Kanumarratti hundaa’uudhaan, sabni keenna mootummaa abbaa irree nagaa isaa booressaa jiru karaa danda’e maraan dura dhaabbatee falmatee nagaa isaa akka mirkaneeffatuu fi bilisummaa humnaan saamame tooftaalee barbaachisoo maratti dhimma bahuudhaan tokkummaadhaan akka gonfatu waamicha taasifna! Sochii kana galmaan gahuudhaaf gaafiiwwan keenna akkaataa ciminnaa fi ariifachiisummaa isaanii xiinxallee kanneen armaan gadii irratti ciminnaan akka itti deemamu jenneerra. 
1. Sochiin amma jalqabe “HOGGANTOTA KFO FI HIDHAMTOONNI SIYAASAA MARTINUU HAAL DUREE TOKKO MALEE AKKA HIIKAMAN” kan sabni keenna gaafate hanga deebii argatutti sabni keenna woliif birmatee tokkummaadhaan akka gaggeessu waamicha taasifna. 

2. Ajjeechaa fi dhiittaa mirga namoomaa baroota darban keessaa Ebla bara 2014 irraa eegalee raawwatame qaama wolabaa kan akka United Nations, European Union, African Union fi kkf haa qoratamu. QONDAALONNI ITIYOOPHIYAA UUMMATA KENYA JUMLAAN AJJEESSAN QORATAMANII SEERATTI HAA DHIYAATAN.!” 

3. Gibiraa fi gidiraan humnaan olii kan saba keennarratti fe’ame hatattamaan kaafamee gibirri galii fi humna/dandeettii daldaltootaatiin wol madaalu haa diriirfamu.

4. DAANGAAN OROMIYAA HAA KABAJAMU! Mootummaan Woyyaanee gocha Oromoo sboota ollaa isaa kan nagaan woliin jiraatuun wolitta buusuu kana hatattamaan dhaabuu qaba.
Buufata

———

Gaaffiiwwan saba keennaa baay’een jiraachuu beeknus gaafiiwwan armaan olitti eeraman ammatti sagalee tokkoon gaafatamuun bu’aa guddaa qabaachuu amanneerra. Kanaafuu, qeerroon teenna diddaa amma gaggeeffamu keessatti gaafiiwwan sadan kana gaaffii mata-duree godhachuudhaan mormii akka itti fufu yoo ta’u, fuulduraaafis uummati keenyaa falmaa olaanaaf qorqalbii isaa akka qopheessu gaafanna. Oromoon bitaa mirgaa, kan alaa fi keessaa hundumtuu qeerroo Oromiyaa cinaa dhaabbatee haqaa fi dhugaa isaa akka falmatu waamicha dhiyeessina. 
Mormii gaggeeffamu ilaalchisee yaada aktivistootaa sadarkaa sadarkaan kan isiniif dhiheessinu ta’uu gamanumaan beeksifna.
Injifannoon kan uummata baladhaa ti.

Qabsoon itti fufa! 
Waltajjii Aktivistoota Oromoo 

Minneapolis, Minnesota 

Hagayya 9, 2017

Prominent opposition leader Bekele Gerba denied bail

NEWS UPDATE: PROMINENT OPPOSITION LEADER BEKELE GERBA DENIED BAIL
Mahlet Fasil
Addis Abeba, August 10/2017 – A panel of three judges at the Federal High Court 4th criminal bench have today passed a decision denying the request for bail submitted by Bekele Gerba, (pictured), first secretary general of the opposition Oromo Federalist Congress (OFC).
The decision came after the judges have failed to respond during the previous four trials that followed the court’s July 13 decision to reduce the terrorism charges against Bekele Gerba to criminal charges.
In today’s hearing the judges have said that they accepted prosecutor’s argument that if released Bekele would get “involved in acts of inciting violence.”
The decision was unexpected to many in the court compound and to Bekele himself. “Truth be told, I was not expecting this; I held onto some hope that the justice system would work but it didn’t go as I expected it today; maybe some time in the future…” a calm and composed Bekele said upon hearing the verdict.
On July 13, the court ruled that Bekele Gerba, who was first detained in December 2015 shortly after the start of the popular Oromo Protests, should defend not the terrorism charges he was originally accused of, but article 257/A of the 2004 Criminal Code.
Under the reduced charges Bekele Gerba faces accusations of “Violence against the national state”, which includes, among others, “outrage against the constitution, obstruction of the exercise of constitutional powers, and armed rising and civil war.”
Bekele Gerba was charged in April 2016 along with 21 defendants that included defendants Dejene Fita Geleta, Secretary General of OFC, and Gurmesa Ayano, another senior member, with various articles of the ATP. The charges included, but not limited to, alleged membership of the banned Oromo Liberation Front (OLF), public incitement, encouraging violence, as well as causing the death of innocent civilians and property destructions in cities such as Ambo and Adama, 120km west and 100km east of Addis Abeba, during the recent Oromo protests in Ethiopia.
In its verdict on July 13, the court acquitted five of the 22 defendants, reduced the terrorism charge against Bekele Gerba to criminal charges, and ordered the remaining 16 to defend the terrorism charges brought by the federal prosecutors.
The court adjourned to hear defense witnesses of Bekele Gerba and the 16 from August 14 – 18, 2017. AS

Humiliating Oromo leaders continued!!

Humiliating the Oromo leaders continued. Last time they cuffed Dr. Merera’s hand to his back, today they cuffed Bekele this way! We oppose any act against of humilation. Respect human dignity. Degrading treatment or punishment is prohibited under Article 18 (1) of the FDRE Constitution.
———————————————————- 

ባለፈው ፕ/ር መረራን በሰንሰለት አስረው ፍርድ ቤት አቀረቡ አሁን ደግሞ ኦቦ በቀለ ገርባን፣ በጣም ያሳዝናል። እንዲህ የጭካኔ እና አሳፋሪ ድርጊት ባደረጋችሁ ቁጥር ህዝቡን በራሳችሁ ላይ ጠላት እያደረጋችሁ መሆኑን አትዘንጉ።

Obbo Araarsaa Sibiluu ykn Abbaa Mirkanee eenyuu…?

“Obbo Araarsaa sibiluu ummata oromoo biratti ABBAA BOKKUU akkasumas ABBAA MIRKANE jedhamani waamamu,Duudhaa Abbootii isaanirraa fudhatani fi Ayyaantuummaa isaanii fayyadamun Lammi isaani ija wal jaamse,wal ajjeesee fi k.k.f Hikun Araara busaa turan! Wal dhabde namoota jiddutti umamaa turef Gumaa murun,wal dhabde Manni murtii motummaa hikuu hin dandenye hedduu Ayyaantummaa fi gootummaa isaanii fayyadamun maanguddoo Araara busaa turani dha.ummatni Anaa Amboo fi anaa dandii hedduun Mana murtii Ammayyaa demurra Qe’ee Obbo Araarsaa sibiluu filannoo isaanii jalqabaa godhu.

Gumaan Obbo Araarsaa sibiluutin murame fudhatama dhabe hin beeku,

Hanga Dadhabani Lubbuun boqotanitti Namni yoo luubbuu dabarse Qe’ee isaanitti dhense haarka kennachuun dayeeffata.

 Guyyaa awwalcha isaanii fardeen 10,000tti tilmaaman Gandoota Anaa dandi anaa amboo fi gara garaa walitti ba’un,Akkasumas Agarsisa gootummaa isaaniif Rasaasa samitti dhukaasaa olun,Sidaa Gooticha waliin ta’ani Waraana DARGII loolaa turan Obbo Zawugaa Booji’aa Cinaatti Awwaalamaniru!

 Ummatni oromoo marti seenaa kana beeku qaba!!!”

Barruu Taayye Danda’aa fi Dr Milkeessaa Miidhagaa irratti…

Barruu obboleeyyan kiyya Taayyee Danda’aa fi Dr Milkeessaa Miidhagaa mormii addaan ciccitaa godhamaa jiru irratti kataban dubbiseera. Yaaddoon isaanii naaf gala, sirriidhasi. Mormiin bifa qindaawaafi tarsiimoo hordofeen geggeeffamuun barbaachisaadha. 
Garuu: sababbiin ummanni tasgabbaa’uu didee fincila itti fufeef waan qaamni biyya alaa waamicha godheef natti hin fakkaatu. Shira Wayyaaneen ummata dadhabsiisuuf gootuudha jehanii shakkuunis naaf gala. Sunis fincila kanaaf sababa natti hin fakkaatu. Ummanni keenya qabsoo waggoota dheeraa keessatti muuxannoo kuufamaa uummatee jira. Laaftutti waamicha biyyaa alaa ykn shira diinaatin waan sobamu natti hin fakkaatu. Akka xiinxala kiyyaatti ummata rakkoo inni keessa jirutu, kan mootummaanis furuu dide boqonnaa dhoowee fincilsiisaa jira. Rakkoolee kana keessaa:
+ Dargaggeessi harki guddaan hojii hin qabu. Barattoota Waggoota lamaan dabran kana eebbifaman keesssa kan hojii argatan 20% hin caalan. Harki 80% waggoota hedduuf baratee hojii malee qe’etti galee cinqamaa jira. Kana furuuf waadaan hamma gaara Cilaaloo gahu kan Lammaan dubbataa ture cilee bishaan seente ta’ee jira. Abdiin Lammaa fa’arra kaayames saffisaan hurrii saafayaa ta’aa jirti. Kanaaf ummanni falli qabnu qabsoodha jechaa jira.
+ Ummanni waliigalattuu rakkoo diinaggee guddaa keessa jira. Daladalaan bara dheengaddaa hin dalaganne. Barana gibira humnaa olitti itti fe’ame. Kasaaraa guddaan itti aggaamamee waan jiruun cinqii guddoo keessa galeera. Bara dabre biyyattiin hoongee hamaan dhawamtee ture. Kanaanis omishin qonnaan bulaa hedduu gadi bu’aa ture. Garuu idaan xaa’oo itti dabale malee hin hirdhanne. Qonnaan bulaan ilmaan isaa waan nyaachisu dhabee idaa irratti tuulameen ukkaamfamee cinqii keessa jira. Caamni bara dabree ummata horsiisee bulaa jalaa beellada murruq godhee jira. Kanaaf waan elmatuufi bobbaafatu dhabee cinqamaa jira horsiisee bulaan. 
+ Ilmaan Oromoo bara dabre hidhaman kumaatamaan ammas mana hidhaa keessatti dararamaa jiru. Kan federaalaa osoo hin dabalatiin aangoo naannoo Oromiyaa ( regional jurisdiction) jala hidhamtoota 20,000 oltu qabamee dhaddacha hatattamaa 11 dhaabbateen laalamaa jira. Kan federaala jala jirus darani. Kanaaf ummannii ilmaan isaa badii tokko malee guuramanii hidhaa jiran osoo gad hin lakkifamin tasgabbaa’uu hin danda’u. Ilmaanfi hogganoota naaf qabsaa’an hidhatti osoo shamanuu ani galee harka maradhee hin taa’u jechaa jira.
+ Yakkamtoonni mootummaa bara dabre ummata nagayaan mirga isaa gaafachaa ture ajjeesaa turan seeraan dhiyaatanii hin adabamne. Inumaatuu aangoo gaafas qabanirratti dabalameefi aanaa takkaa godina biratti jijjiramanii hojjachaa jiru. Fakkeenyaaf namichi Masalaatti nama 20 ol bakka takkatti ajjeeachise Cirotti aangoo guddaan kennameefi jira. Mootummaan jara kana adabuu dhabuun ummanni akka murtii isaa fudhatu godhaa jira. Tarkaanfiin yakkaamtoota akkasii irratti Awwadaay, Dambi Doolloo fi magaalota Shawaa Lixaafi Kibba Lixaa keessatti fudhatame kanaaf ragaadha. Waan itti fufus fakkaata.
+ Gaafin ummanni kaase takkaa deebii argachaa hin jiran ykn lafarra harkifataa jiru. Dhimma qubee ni sirreessina haa jedhan malee achuman cal jedhameera. Dhimma Wixinee Finfinnee irratti mariin ni godhama jedhame achumaan hafe. Warra magaalaa Finfinnee qofatu mari’achaa jira. Isaanuu dokumantiidhuma ummanni Oromoo dide san irratti haasayaa jiran. Ummanni Oromiyaa, Caffeen, hayyoonnifi qaamonni bira marii sirnaa tokkos godhuu hin eegalle. Weerarri Wayyaaneen naannolee ollaa keessaan bante araraan furame jedhamus weerarrifi ajjeechaan hin dhaabanne. Walloon, Gujiifi Harargeen ammas dhiiga nama keenyaa jigsuun, lafa qabachuufi loon saamuun akkuma itti fufetti jira. Aanaa Cinaaqsan irraa araddaaleen 7 officially murmanii naannoo Soomaleetif kennamanii jiran. 
+ Oromoon har’as sirna Wayyaanee kan ol’aantummaan saba tokkoo itti dagaage, kan qabeenyi Oromoo saamamu, namni isaa guyyaa cufa ajjeefamu keessa akka jiru irraanfachuu hin qabnu. Ummannis tana sirritti beeka. Gaafilee waltajjiilee Gincii, Sulultaa, Amboofi bakkeen biroo irratti yaada manguddoo-dardarri kaasaa ture yoo dhaggeeffane kuni ifa.
Walumaagalatti ummanni keenya finciluuf sababa gahaa qaba; tasgabbaa’ee taa’uuf ammoo wabii homaatuu dhabee jira. Ummanni keenya mootummaa sanirraa furmaata akka hin arganne jala muree jira. Wayyaaneen furmaata laachuuf fedhii hin qabdu, OPDOn ammoo humna hin qabdu. Kanaaf ummata kanaan hin fincilinii hamma takkaa OPDOn humna horattutti baaftutti ykn warri mormitootaa hoggansaafi tarsiimoon as bayanii usii taa’i jechuun sirrii miti. Yoo jenneenis nurraa hin fudhatu. Kana qabatamaan agarree jira. 
Kanaafuu falli jiruufi gaheen aktivistootaa kan ta’uu qabu waan dandeenyun ummata falmataa jiru kana bira dhaabbachuudha. Mormiin ciccitaa ta’uun hafee biyya guutuu akka ta’u qindeessuu, tooftaalee gaaga’ama xiqqeessan ( risk minimizing tactics) kan garuu mootummaa irratti dhibbaa jabaa qabu akka fayyadaman gorsuudha. Wannin jechutti jiru, ummataan hin qabsaa’inaa jechuu osoo hin taane, akkaataa qabsoon isaanii bu’aa barbaachisu argamsiisuu danda’urratti bira haa dhaabbannu.

Abdii Qopheen eenyu,meeqa keennatu yaadataa???

hayyuun Oromoo Abdii qophee bara 1939oromiyaa bahaa Harargee aanaa dadaritti

dhalatee guddate. Maqaan Abdi kan warri

baaseef Abdulwahab Mahammad Yusuf

hogaa tahu Jalalarraa gabaabsani Abdi

jedhaniin. Qophee kan mogga’eef ammoo

yeroo muummee barnoota seenaa waggaa

2ffaa baratu sababa motumma HS irratti

fincila kaaftan jechuun yunvarsiitii

finfinnerraa ari’amee, Abbubaka muusaa

waliin raadiyoo hararitti koontiraatan

qacaramuun qophii afaan oromoon

qopheessu eegalanitti uummanni maqaa

masoo kana moggaaseef. Kunis qophii afaan

oromoo jechuun somaliyaarra darbaa turen

ummata haamlessaa abdii itti horaa waan

tureefi. Abdiin yero dirree dhawaa turettis

motummaa Dargiin hidhamaa gidirfamaa

ture. Yeroo hidhaa bahettis hidhaa dhaabbii

olii gadi socho’uu namootatti dabalamuu hin

dandeenye. Yerosittiis manatti ol deebi’e

walaloo sirbaa barreesutti taa’e. walaloo

sirba yeroosii hireen tiyya jalloon

wanahuudessittee kararratti buutee guyya

tokko hinqajeeltu jechun carrasaa hifata

takka ammo ummataaf jiraachuusa kanatti

boonee niin boonaan hireekoo naaf caalti

ziqiyyaa jedhee of jabeessa. Abdiin sirboota

hedduu barreese. Garuu walaloon abdi walee

qofa mitti walaloon abdi falaasama,

seenaadha, siyaasa, duudhaa fii jiruu

jireenya ummata oromooti. Abdiin nama

samuu isaa keessatti yaada tokko falaasafe

deebi’e yaadauma sani wajjiin walmorku.

Abdiin nama jalala Hiidha deebi’e walaba

baasudha.

Fkn “gaaf tokko namite jaalalti daguuti

Dhaqeetin himadhe dhadacha heerati,

Ballama nuuf qabe Abbaan dhadachaati Naaf

isii kan moohu nuu eegaa walitti.

” Deebi’e ammas yaaduma kana akkana

Jachuun diiga:-

jaalalti mootii mata ifiitu

Heerafi seera namaati bultu na

harka baate dhoyfachu taatu (2x) jedhe ibsa.

Takkammoo namoota yeroo harkaa qaban

nama waliin nyaatani yeroo rakko nama

gatan dugda garagalanis gaduma taa’e itti

wlalessa. Egaa abdii qopheen weellisaa,

barreessaa walaloo sirbaa, taphataa

meeshaa muuziqaa, qorataa seenaa oromoo,

mul’isaa eenyummaa oromootii. Inumaanuu

nama oromoof dhalatee oroomoof jiraatee

du’e kan seenaan isa hin dubbatamneef hin

jajamne ta’unsaa baay’ee nama gaddisiisa

goota kana. Weellistoota Oromoo guutummaa

Oromiyaa keessaa aartii oromoo guddisaa

turan cinaa gootaa seenaansaa baay’ee hin

leellifamne kanatu jira. Mee walaloo sirboota

yookin kaaseeta innii namootaaf kenne

hangan qoradhen sin yaadachisaa

1- Weellisaa Kadir Se’idiif: Kaaseeta kudhan

walaloo sirbaa barreesse kan kennee Abdii

Qopheetii (ragaan Kadir Se’idgaaffiif deebii O

TV waliin godherratti dubbate.)

2- Weellisaa Abbitoo kabbaadaaf: abbitoon

kaaseetaguutu qabatee Abdii bira deemuun

kan ofii dhiise kan abdiin qopheesse

kaaseeta tokkoo guutuu sirboota nugusuu

taammiraat irra deebi’ee sirbe hundsaa

hojjate. Sirboota kana Abdii Qophees

sirbeera yaannii koo gama keet, harraa

gessii wallaggaa, allattin dirree dawaa as

koottu asin jiraa, halkan guyyaa ciiseen

siiyada…… sirboota abdii qopheeti

3- Raayyaa Abbaa Maccaa: namni

dhugaadhaa kami akeekkadhu naa himi

4- Aalmaaz Tafarraa: kaaseeta sirbaa 10

qabdi isaan keessaa walaloo sirboota

kaaseeta 9 Abdi Qopheetu barreesse kenneef

(ragaan gaaffif deebii weellistuun kun bara

2002 ttii taasisteen kan dubbattee.

5- Halloo Daawwee: dhuunfaan kaaseeta

hedduu hojjate ragaan ishumatu naaf hime,

keessattuu sirboota gareen afur taane

hojjanne Abdii qopheeti inni utubaa baandii

arfan qal’ooti jetti yoo ibsitu. Weellistoota

oromiyaa bahaa jiran hundaafu namni in ni

hin kennine hin jiru jetti Alii Birraa fi

mahammad xawwil sirba cidh kan isaa irra

deebi’anii sirban jetti yoo dhugaa hojiisaa

ibsitu

6- Usmaayoo Muusaaf: usmaayoon kaaseta

6 qaba yeroo inni hidhaa bahettii walaloo

sirboota kaaseeta guutuu qopheesse

gumaata baga baatee dhangaa aartiin harka

fuudhe jeettii ibsite haati mana Wellisa Abdii

Qophee gaaffi deebii OBS waliintasiseen.

7- Aadam haruun: namni nama ani namaa

kan jedhuufi

8- Qamar yuusuf: finfinnee yaa finfinnee, kan

jedhus kan ha’a huuba qoonqoo taatee

dhuga ol baasuu fii gad liqimsuun

kumaatama dhibe kana abddii qophee

gaduma taa’eet

finfinnee yaa finfinnee

madda burqaajennee kan waaqni nuuf kenne

an sirraa fagaachuun hin taane

yaa finfinnee. Jedhee walosaa waraqaarratti

katabe.sirba qamar magaalaa masalaa,

dagalee jiruu kiyyaa, afaan Oromoo mootii

moototaati. Jedhus isumatu kaaseeta tokko

guutuu qopheesseef garuu yeroo

weellistoonni hedduun walaloo sirbakoo

abdiitu nuuf katabe jedhan hin agarruu

rakkoon maaliif laataa deebii barbaada!

9- Ahimad kabiiraa: abdii qophee kaaseeta

tokko kenneef

10- Alii Shabboo kaaseeta lama guutuu

barresse kenneef.

11- Abdii habiib sirba inni namni carraaqatu

dhiira jedhu kenneef.

12- Ibraahim baadiyyaa kaaseeta afur

gutummaatti kenneef.

13- Alii birraafis sirba gammachuun fedhii

marare, kan inni amariffan sirbufii waa malli

nu dhibee jenne bitaa mirgaa, yaa abbaa

lafaa badiikee kan jedhufaa isatu barreesse.

14- Fandishee Mul’ataatiifiis walaloo sirbaa

hedduu qopheesseefii jira

15- Hirphaa Gaanfurreefiis walaloo sirbaa

barreessefiira.

Ergaan abdii dhabee jiruu lafaarraattii

garaa lafaatan seena ohohoo haya nagaattii

hedduu naan booyiinaa yaa warra firakoo

duraan nan gargaarree nabaasuudhaaf

rakkoo…..kanas isatu barreesse

16- Adinaan Mahammad: michuu baay’een

qaba lixa biiftuutirraakan jedhuu fii

burtukaana bilcho, oduu dharaa

dhugoomsitee jarjarteetu na madeessite kan

jedhus isatu barreesse.

17- Amalmaal Abaataa fiis sirbashee afaan

oromoo shaggooyyee walaloo sirbaa

barreesse kennefiira

18- Eebbisaa Addunyaaf SIRBA NU

…..OROMOODHA HAA NUBEEKANI. Jedhus

walaloo kan barreesse Abdii Qopheeti.

Weellisaa abdii Qophee hireen guutteefii

aartiin oromoo ha’a ammana tarkanfachuu

ijaan arguu baatus, waa heddu gumaacheera.

Yeroo lafarra jirateetti mul’ata har’aa

qabaatee wellistoota durii oromoo fii kan

ammaa Hirphaa Gaanfurree, Daawitee

Mokkonniin sittiinaa Abbaa duulaa fi kanneen

biros mana isaa magaala finfinnee baay’ee

dhiphoo taate keessattii dawoo goda hamba

seenaa ,aadaa fii aartii oromoo ta’uun

dadhabe nuffe osoo hin jedhiin buufata ta’ee

gargaaraa ture. Abdiin weellistoota akka

kinnisa mootii argeeti Ganda inni keessa

jiraataa ture naannoo rufael San qubatan

keessummeessa barsiisaa oromoo

gamtoomsaa tokkoomsaa ture, garee

uumuunis koree qindeessanii buusii

mataasanii walitti qabachuun akka socho;an

gumaachaa karaa qabsiisaa ture.

Muktar Usmaan Hayluu kitaabaa Umar

Suleeman Aadam Haruun Ilfinesh Qannoo,

Mahammad Sheekaa Haloo Daawwee faa

kaasuu dandeenya. Yeroo namni akka

garaasaa ta’uufii diduttiis gaduma taa’ee

Walaloodhaan

namni dhugaadhaa kami akeekkadhuu naaf

himi

addaan wallaalee madaalee naan gallee

hundinuu namaa ennaa miilaan deemu hin

beeksisuu

unkaasamalee eenyummaa keessaa gubban

hin ibsu

eenyummaa isaa maaliin adda baafannaa

deebii naaf kennaa

jedhe waa’ee namaa kana bitaa mirgalaalee

ijibbaannan.

Kuusaan aartii oromoo Abdii Qophee biyyaa

deemee biyya jarman dhaqee xiqquma turee

deebi’e garuu yeroo as deebitti jechoota inni

dubbate keessa “an biyya koon yaade

oromiyaan yaade. Oromiyaan oromoo qofa

qabdi an dugda oromootiin ijoollee kiyyaaf

qota ijoolleen koo asheeta nyaatu” jedhee

maatiitti abdii horaa ture ha’a garuu namni

ijoollesa bakka jiran garagalee ilaale hin jiru.

Kana malees sirbasaa haa cilaahuu jedhu

usmaayoof kennee fi kan qamariif kenne

Oromiyaan mootii moototaati jedhee jaalala

Oromiiyaaf qabu waloon ibse. Kana males

yeroo jarman dhaqee deebi’e “Oromiyaan

yommuu hayyun keessa deeme biyya doofaa

taati biyyuma keenya teenye obsinee biyya

keenya deeffachuu qabna’ jedhee waarra

biyya bahaniilleenittilee abdii horaa ture.

Seena kana hedduusaa haadha manaa

weellisaa Abdii qophee aadde Kimiyaa

Mahammaa irraa gaffiif deebii weellistoorraa

kan walitti qabamedha.

Waan dubbistaniif Galatooma. Fuula FB #Jiraa_Sabaa irraa arganne.

Ijji ummataa dhugaa jiru ni arga…

Warri waa komii malee galata hin beeyne. Warri waa tuffii malee dalagaan hin agarsiifne. Waan kana ummanni waan quba qabu itti hin fakkaatu??!! Jabinni namaa kan beekamuun dalagaan malee taa’ani nama komachuu fi kijiba oofunii miti. Silaa Oromoon hundi waan dandayu fi ga’uumsa itti qabu dalagee yoona bakka amma jirru hin jirru turee. Yoo dandeettan ummataaf waa dalagaa yoo dadhabdan kan dalagutti hinaafu fi hamilee buusuf hin yaadina. Holola OMN irratti ooftan akka hin milkoofne beeka nama oromoo dalaguuf kutates dalagarra hin dhaabdan. Yeroon ummata waliin dhayanis darbeera saniif ragaan tajjabbii kutaa 200 ol barraaye irraa barachuu ni dandeettu silaayis waa ofduuba deebitani hin laaltan malee. Dhumarratti wantin jedhu garée OMN ummanni ni beeka garée OSA’s ni beeka ummanni. Akkanumaan holola kijibaa hin oofina. Nagaatti.